Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Lakkoofsi kaffaltoota gibiraa sirna elektirooniksiin gibira kaffalanii guddachaa jira jedhe Ministeerri Galiiwwanii.
Ministeerichatti Hogganaan Giddugala Odeeffannoo Teeknooloojii obbo Killiluu Taammanaan akka jedhanitti, baatiiwwan kurnan darbanitti adeemsi elektirooniksiin odeeffannoo beeksisuu %95 caaleera.
Dabalataanis kaffaltoonni gibiraa %75 hanga %80 karaa sirna elektirooniksiin gibira kaffaluu Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti himaniiru.
Kaffaltoonni gibiraa federaalaa hundi bakka jiranii kaffaltii akka raawwatan taasifamuun adeemsaafi sirna sassaabbii gibira si’eessuu kaasaniiru.
Sirna kaffaltii elektirooniksii kana gara naannoleefi bulchiinsa magaalotaatti babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Sirni kun kaffaltoota gibiraafi hojjettoota dhaabbatichaaf dhiibbaa hojii hir’isuu dubbatan.
Hojiin waraqaafi humna namaan yeroo dheeraaf hojjetamu dadhabsiisaafi qulqullina hojiirrattis dhiibbaa akka qabu hubachiisaniiru.
Maartaa Geetaachootu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.