Finfinnee, Sadaasa 1, 2018(FMC)- Hojii lammiilee sarara hiyyummaan gadii keessaa baasuuf hojjetameen lammiilee hedduun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce’aniiru jedhe Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa.
Gamaaggamni raawwii karoora kurmaana jalqabaa bara 2018 Sagantaa Seeftiineetii Misoomaa fi Pirojektii Hojii magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Faantaa Dajan wayita kana akka jedhanitti, mootummaan bara baajataa 2017’tti sagantaa seeftiineetii baadiyyaaf Birrii biiliyoona 45 akkasumas seeftiineetii magaalaaf ammoo Birrii biiliyoona 15 ramaduu yaadachiisaniiru.
Hojii lammiilee sarara hiyyummaan gadii keessaa baasuuf hojjetameen lammiilee hedduun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce’uu eeraniiru.
Sagantaan seeftiineetii bu’a qabeessa ta’uu hordofee marsaa 3ffaan akka itti fufuuf dhaabbileen gargaarsaa Doolaara miiliyoona 200 fi miiliyoona 50 deeggaruus ibsaniiru.
Masaafint Iyyaayyuutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.