Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti taa’aa jira.
Naannoo Oromiyaatti bara baajata 2017 keessa lammiilee miiliyoona 2 oliif carraan hojii dhaabbiin uumame jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa caffeef dhiyeessaniin.
Liiqaan Birriin biiliyoonni 28 dhiyaachuu eeran.
Akkasumas sheeddiwwan kumni 7 fi 346 kennamuu dubbatan.
Maagaalotni Oromiyaa gama hundaan jijjiiraamaa jiraachuu himan.
Inisheetiiviiwwan magaaloota Oromiyaatti diriirfaman bu’aa argamsiisaa jiru jedhan.
Loon Annanii, Lukkuun, Loon furdatan, Qurxummii fi Booyyeen hedduminaan magaaloota Oromiyaa keessatti horsiifamaa akka jiran kaasan.
Walitti hidhamiinsi gabaa kumni 2 fi 162 kan uumamee yoo ta’u, Indaastiriin Goodoo kumni25 ol Magaaloota Oromiyaa keessatti hundaa’uun hawaasa tajaajilaa jiraachuu eeran.
Tsahaay Gulummaa fi Hirphoo Shibootu Gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.