Finfinnee, Hagayya 9, 2017 (FMC)- Sababa guutiinsa Laga Awaashiin lammiilee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniif mootummaan deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhan Afyaa’iin Caffee oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurrahamaan.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurhamaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti Namoota sababa guutiinsa Laga Awaashiin qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an daawwachuun jajjabeessaniiru.
Mootumnaa fi umnanni waliin ta’uun hawaasa balaa tasaaf saaxilame deeggaruuf qophii ta’uu himanii, jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiruuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Guyyaa har’aas Buusaa Gonofaa Oromiyaa waliin ta’uun midhaan nyaataa dabalatee meeshaalee adda addaa Birrii miiliyoona 27 olitti tilmaamamu deeggarsa kennaniiru.
Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Mahaammad Jundaa gamasaaniin, balaa tasa mudatu hambisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himanii, kaayyoon Buusaa Gonofaa ijoon hawaasaa balaa tasaan miidhame deeggaruuf akka ta’e himaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa, ummanni Oromoo aadaa fi duudhaa isaa ganamaa walgargaaruu cimsachuu qaba jechuun, qaamoolee deeggarsa taasisaa jiran galateeffataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.