Finfinnee, Caamsaa 21, 2017(FMC) – Hanga ammaatti lammiileen Itiyoophiyaa Maaynamaarritti haala rakkisaa keessa turan 700 gara biyyaa deebi’aniiru jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon miidiyaaleef akka ibsanitti, hojii dippiloomaasii lammiirratti xiyyeeffateen hojjetameen hanga ammaatti lammiileen Maaynamaaritti haala rakkisaa keessa turan 700 gara biyyaa deebi’aniiru.
Yeroo ammaa kanas lammiilee Itiyoophiyaa biyyattiitti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf gama Embaasii Itiyoophiyaa Niwu Deeliitti argamuun tattaaffiin godhamaa jira.
Gama biraan namoonni dhuunfaafi dhaabbileen “Ministeera Dhimma Alaarraa bakka bu’iinsa qabna; biyyoota alaatti isin qacarsiifna” jechuun hojii gowwoomsaa hojjetan jiraachuu kaasaniiru.
Namootaafi dhaabbilee kanneen irratti qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu hordoffii akka taasisan godhamaa jira jedhan.
Carraa barnootaafi hojii biyyoota alaan walqabatee sosochii miidiyaa hawaasummaan taasifamuun hawaasni akka hin gowwoomfamnes hubachiisaniiru.
Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.