Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC) – Lammiin Chaayinaa eeyyema Baankii Biyyaalessaan ala hojjechuun Itiyoophiyaa Doolaara miiliyoona 14 dhabsiifte irratti himanni banameera.
Himatamtuun kun namoonni biyya garaagaraa keessa jiraataan wayita maallaqa gara Itiyoophiyaa erguu barbaadan jeellewwan ishee biyya alaa jiraatan waliin ta’uun maallaqa walitti qabuun namoota dhuunfaa Itiyoophiyaa keessatti argaman 10’f maallaqa daddabarsaa turuu isheen himanni irratti banameera.
Lakkoofsa herregaa Baankii Daldala Itiyoophiyaatti dhuunfaa isheen banteen Sadaasa 30, 2013 hanga Sadaasa 4, 2018tti yeroo kuma 1 fi 112 waliigala Birrii miiliyoona 600 fi miiliyoona 36 fi kuma 100 fi kuma 57 namoota dhuunfaa garaagaraaf dabarsuu ishee Abbaan Alangaa himata isaan bseera.
Hojiin seeraan alaa kun Itiyoophiyaan Doolaara miiliyoona 10 fi kuma 400 fi kuma 92 akka dhabdu taasiseera jedhe.
Akkasuma lakkoofsa Herregaa Baankii Abiisiiniyaatti dhuunfan bante fayyadamuun Sadaasa 10, 2014 hanga Sadaasa 4, 2018tti yeroo 201 ol Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 33 fi kuma 400 fi kuma 33 namoota dhuunfaa garaagaraaf dabarsuu himannichaan ka’eera.
Kanaanis Itiyoophiyaan Doolaara miiliyoona 4 fi kuma 37 ol akka dhabdu taasisuu ibse.
Himatamtuun kun waliigalaan Birrii miiliyoona 800 fi miiliyoona 39 fi kuma 59 ol karaa seeraan alaa daddabarsuun Itiyoophiyaan galii archuuf qabdu Doolaara miiliyoona 14.5 dhabsiisuu isheen himanni irratti banameera.
Haaluma kanaan himatamtuun eeyyama Baankii Biyyaalessaa malee hojii daddabarsa maallaqaa hojjechuu isheen Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Yakka Addaa ramaddii 2ffaa Lidataatti yakkaan himanni irratti banameera.
Maqdas Kabbadaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.