Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Falmattuun mirga dubartoota Afrikaa, badhaafamtuun Giraamii Awwaardi Lammiin Maalaawwii Artiistii beekamtuun Oomoo Saangareen hojiilee misoomaa Finfinneetti hojjetamaa jiran daawwatte.
Karaa haadha isheen hidda dhaloota Itiyoophiyaa qabdi kan jedhamtu Oomoo Saangareen Paarkii Inxooxxoo dabalatee Yaadannoo Injifannoo Adwaa, bu’uuraalee misoomaa, Paarkiiwwan adda addaa fi hojiilee deebisanii misoomsuu hojjetamaa jiran daawwatteerti.
Waggoota shan booda gara Itiyoophiyaa dhufeen jijjiirama ajaa’ibsiisaan arge jechuun yaada kennite Oomoo Sangareen.
Paarkiiwwanii fi bakkeewwan bashannanaa magaalichatti hojjetaman kan dinqisiifaman ta’uu himte.
Artiistoonni, rogeeyyiin miidiyaa fi Tiik takaroonni biyyoota Afrikaa garaagarraa dhufan hedduun daawwannicharratti hirmaataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.