Finfinnee, Bitootessa 6, 2018(FMC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamoo Aanaa Gaaccii Baabaa Ganda Laakaatti balaa sigiga lafaa mudateen lammiilee lubbuu isaanii dhabaniif sirni boo’ichaa aadaa maatii fi firoottan isaanii hirmii ittiin baafatan ‘Baalee’ jedhamu geggeeffameera.
Sirna boo’ichaa aadaa Baalee kana irratti Pirezidaantii naannichaa Xilaahun Kabbadaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.
Obbo Xilaahun wayita kana ergaa dabarsaniin, yeroo hamaa kana waloon ce’uu qabna jedhan.
Lammiilee balaa kanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojiiwwan eegalaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Haalichi kan onnee nama madeessu ta’uu kaasanii, balaan akkanaa fuulduraaf akka hin mudanneef hojiin dursanii ittisuu xiyyeeffannaan akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Lammiilee miidhaan irra ga’e wal’aanuu fi buqqaatota jireenya isaanii duraaniitti deebisuuf hojiin gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuu tumsaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Hunduu jajjabaachuun gara hojii keenya idileetti deebi’uu qabnas jedhan.
Balaa kanaan namootanni 125 kan badan yoo ta’u, reeffi namoota 80 argamee sirni owwaalchaa isaanii geggeeffameera.
#Oromia #Ethiopia