Leenjiifi dorgommiin Ispoortii guddattootaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 1, 2018 (FMC) – Leenjiifi dorgommiin Ispoortii guddattootaa biyyaalessaa qopheessummaa Naannoo Oromiyaan Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Sagantaan baniinsa leenjiifi dorgommii kanaa mata duree “Misooma Ispoortii Guddattootaa Olka’iinsa Itiyoophiyaaf” jedhuun Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa akka jedhanitti, maqaa gaarii biyyaa guddisuufi tokkummaa cimsuuf Ispoortiin faayidaa olaanaa qaba.

Mootummaan Ispoortii guddattootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu kaasanii, kunis garee biyyaalessaa dorgomaa ijaaruuf karoorfameef murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Leenjii fi madaalliin guddattootaa ispoortessitoota bakka bu’oo horachuuf shoora olaanaa qabaachuus eeranii, dorgommii yeroo jalqabaaf taasifamu kanarratti naannoleen hundiifi bulchiinsi magaalota lameenii hirmaachuu kaasaniiru.

Dorgommii kanarratti dorgomtoonni kumni 3 ol gosawwan ispoortii 15’n guyyoota saddetiif ni dorgomu.

Mubaarak Faantaawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment