Finfinnee, Caamsaa 26, 2017 (FMC) – Intermiilaan lammii Xaaliyaanii Leenjisaa Siimoon Inzaagiin waliin adda bahuu ifoomse.
Siimoon Inzaagiin waggoottan arfan darban keessaa Intermiilaan waliin Waancaa Seerii 1 fi Kooppa Itaaliyaa 2 akkasumas waancaa Suuppar Xaaliyaanii 3 milkeessaniiru.
Dabalatan kilabicha yeroo 2 tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaaf qaqqabsiisaniiru.
Siimoon Inzaagiin gara Saa’ud Arabiyaa imaluun leenjisaa Al Hilaal ta’uu danda’u jedhamaa jira.
Kilabichi leenjisaa duraanii Hoorheey Jeesuusin erga gaggeessee booda Siimoon Inzaagii leenjii olaanaa taasisuuf karoorfachuu The Athletics gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia