Leenjisaa Yohaannis Saahileen taphattoota 23’f waamicha taasisan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Leenjisaan garee Biyyaalessa Itiyoophiyaa Yohaannis Saahilee gulaallii waancaa Afrikaaf taphattoota 23 filachuu ifoomsan.

Taphataan Nageellee Arsii Kabbee Buzunaan yeroo jalqabaaf garee biyyaalessaa Itiyoophiyaaf filatameera.

Waaliyaawwan gulaallii jalqabaa Waancaa Afrikaa bara 2027’n Saa’otoomeefi Piriinsiippee waliin taphatu.

Taphni marsaa jalqabaa Bitootessa 18 Morookootti, taphni deebii ammoo Bitootessa 22 Istaadiyeemii Dirree Dhawaatti taphatama.

Taphattoonni 23 tapha kanaaf filatamaniiru.

Kabbee Buzunaa, Charinnat Gugsaa, Abeel Yaalew, Masfin Tasfaayee, Kana’aan Maarkineh fi Abubakar Saniin taphattoota sarara fuuldaraarratti filatamaniiru.

Abbubakar Nuuraa, Firew Geetahuunii fi Sayid Habtaamuun Karra eegdoota, akkasuma Alembirhaan Yigizaw, Asiraat Toonjoo, Yaareed Kaasayee, Abdusalaam Yeesuuf, Yaareed Baayyee, Raamkeel Jeemsi, Girum Hagos fi Minyoot Dabbabeen sarara ittisaarratti yoo filataman, Gaatoch Paanoom, Habtaamuu Takastee, Biruuk Indaalee, Bizaayyooh Seefuu, Waganee Gazzaahaanyii fi Biiniyaam Ayitan sarara gidduurratti filatamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment