Liigii Olaanoo Itiyoophiyaan taphni cufiinsaa har’a Shaggarii fi Nageellee Arsii gidduutti taphatamu ni eegama

Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Kilaboonni Oromiyaa lamaan Piriimeer Liigii Itiyoophiyaatti guddachuu isaanii mirkaneeffatan Shaggarii fi Nageellee Arsiin shaampiyoonaa bara kanaa ta’uuf falmiin taasisan ni eegama.

Morkiin har’a waaree booda sa’aatii 8:00 eegalee Magaalaa Finfinnee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taasifamu xiyyeeffannoo argateera.

Kilabiin Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaggar Liigii Olaanoo ramaddii ‘A’ irraa sadarkaa 1ffaan,Nageellee Arsiin ammoo ramaddii ‘B’ irraa sadarkaa 1ffaan xumuruun Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018tti makamuun isaanii kan yaadatamuudha.

Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa hirmaannaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 kan argatu taanaan Oromiyaan bara taphaa 2018 kilaboota 3 Piriimeer Liigicha keessatti kan hirmaachiisu ta’a.

Adaamaan taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 22 walitti qabachuun sadarkaa 16ffaarratti argama.

Tapha biroon ramaddii lamaanirraa sadarkaa 2ffaan kan xumuran Bunni Beenchii Maajii fi Magaalaan Dasee sadarkaa 3ffaa argachuuf har’a waaree dura sa’aatii 5:00 eegalee waliin taphatu.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment