Finfinnee, Adoolessa 30, 2017 (FMC) – Bara baajataa 2017tti liqiin maallaqaa fi meeshaaleen hojii qarshii biiliyoona 18 ol intarpiraayizoota omishaaf raabsame.
Itti aanaan daayreektara olaanaa Misooma Intarpiraayizii Ityoophiyaa obbo Paawuloos Bargaa Faanaa Dijiitaaliif akka himanitti, liqii fi iddoo hojii ilaalchisee dhimmoota intarpiraayizoota mudachaa jiran furuuf tattaaffiin hojjetamaa jira.
Sirna hojii damichaa fooyyessuu, dandeettii oomishaa guddisuu, oomisha qulqullina qabu oomishuuf hojjetamaa jiras jedhan.
Omishaaf xiyyeeffannaan addaa kennamee akka ture kan ibsan obbo Phaawuloos, deeggarsaafi hordoffiin barbaachisu taasifamaa jiras jedhan.
Bara baajataa 2017tti intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa kuma tokkoo fi 740f liqiin hojii qarshii miiliyoonni11 fi kumni 400 ta’u akka raabsameef hubachiisaniiru.
Akkasumas meeshaaleen oomishaa qarshii biiliyoona 7tti siqu dhaabbilee omishaa kuma tokkoo fi 462f raabsamuu ibsaniiru.
Bara dhufu dhaabbileef liqii fi iddoo omishaa miijessuuf ciminaan akka hojjetamu eeraniiru.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.