Loon aannanii babal’isuuf Raaddeen qofti akka dhalatan hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Oromiyaatti Loon Aannan fooyyaa’aa kennan baay’isuuf bal’inaan hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.

Yeroo ammaa oomishaa fi oomishtummaa aannanii guddisuuf Raaddeen qofti akka dhalatan hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan damee Misooma Beelladaa obbo Toleeraa Dabalaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Kana dura hojii diqaalomsuu hojjetamaa tureen raaddenii fi Jibichi walkeessa dhalachaa turan kan jedhan obbo Toleeraan, amma garuu Raaddeen qofti akka dhalatan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Raadni har’aa boru aannan taati jedhan.

Kunis oomishaa fi oomishtummaa aannanii dabalaa jira.

Looni dhiigni isaanii qulqulluu ta’an guyyaan aannan hanga Liitira 32 kennaa jiraachuu dubbatan.

Hojiin loon diqaalomsuu kun yeroo ammaa Godinaalee Oromiyaa 21 keessatti bal’inaan hojjetamaa akka jiru eeran.

Hanga Bara 2014tti waggaan loon kuma 200 qofatu diqaalomaa turan kan jedhan obbo Toleeraan, bara kana waggaan loon miiliyoona 2 fi kuma 500 ol diqaalomsuuf hojjetamaa jira jechuun himan.

Yeroo itti aanu aannan fedhii biyya keessaarra darbee gabaa alaaf dhiyaatu bal’innaan oomishuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment