Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Lubni Darajjee Jambaruu Pireezidaantii Mana Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa ta’uun filatamaniiru.
Manni Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa Yaa’ii waliigalaa 5ffaa gaggeesseera.
Yaa’ii gaggeeffameen Lubni Darajjee Jambaruu Pireezidaantii Mana Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa ta’uun filatamaniiru.
Dabalataanis Barsiisaa Wangeelaa Taarikuu Birhaanuu fi Dooktar Beeta Maangistuun pireezidaantii itti aantootaa fi Paastar Geetinnat Lammaa Barreesaa Mana Marichaa ta’uun akka tajaajilaniif filatamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.