Finfinnee, Amajjii 28, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa harki hojjetu maaddiin isaa guutuu, fuula duraattis guutee irra dhangala’a jedhan.
Ergaa fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaan maaddii guutuu yaadama addaa fi hojii qabatamaa mootummaan kabaja lammiileefi biyyaaf qabu itti argisiisee dha jechuun ibsan.
Akka ibsa isaaniitti, mootummaan sagantaa kanaan hojiirra oolmaa imaammata wabii nyaataa waaraa mirkaneessuu humna dabalataa godhachuun hojjeteera.
Inniisheetiviin yaadama olaanaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin maddisiifamee eegalame kun jireenya maatiiwwan hedduus jijjiireera, gara fuula duraattis ittifufee jijjiira jedhan.
Sagantaan maaddii guutuu boroowwan kennaa ta’an, barootaaf garuu hin mul’atin turan naannoo misoomaatti jijjiireera, kanaafis imaammaata fayyaa nyaata madaalamaan dhibee ittisuun walsimeera.
Kanaanis kalaqni Yaadama Ida’amuu irraa madde bu’aalee beelladootaa gara maaddii keenyaatti fideera jedhan.
Maaddiin guutuun jireenya namootaa fi fayyaa, bifaa fi kabaja biyyaa, darbees mul’ata wabii nyaataa itti fufiinsaan mirkaneessuun akka walitti hidhames hubachiisan.
Harki cichoominaan hojjete maaddiin isaa guutuu dha, fuulduraafis guutee irraa hafa jechuunis bu’aa sagantaan maaddii guutuu fide ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia