Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Maallaqni beekamtii malee Mindaa barsiisotaarraa muramu dogogora qofa osoo hin taane yakkaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Ahimad bakka buutoota barsiisotaa kutaalee biyyattii hundarraa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.
Abbaan mindaa osoo jiruu eeyyama malee mindaa muruu qaamni mirga qabu hin jiru kan jedhan Dooktar Abiy, mindaan qabeenya dhuunfaa waan ta’eef fedhiin ala muruun dogogora qofa osoo hin taane yakkaadha jedhan.
Buusiin murteessaa ta’us eeyyamaa fi fedhii abbaa bu’uura kan godhate ta’uu akka qabu hubachiisan.
Akka biyyaatti Piroojektoonni jajjaboon ijaaramuu himuun, yoo buusiin hafe hojiilee akkasii raawwachuun rakkisaa ta’uu mala jedhan.
Qabeenyi jiru murtaa’aa ta’uu hordofee hojiilee adda addaa raawwachuuf buusiin daran barbaachisaa ta’uu dubbatan.
Gaaffilee barsiisotaa mariin furaa adeemuun dhimma murteessaa akka ta’e kan eeran Dooktar Abiy, waggoottan jahan darban keessaa oolmaan daa’immanii kumni 30 ijaaramuu ibsan.
Kanaanis barsiisonni hedduun carraa hojii argachuu himan.
Barnoonni dhalootaaf itti fufuu waan qabuuf hundi keenya itti gaafatamummaa nurraa eegamu bahuu qabna jechuun kaasan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.