Maamiloonni haaraan kumni 100 fi kumni 7 fayyadamoo elektirikii ta’an

Finfinnee, Onkoloolessa11, 2018 (FMC) – Baatiiwwan sadan jalqabaa 2018 keessa mammiloonni haaraan kumni 100 fi kumni 7 fi 191 tajaajila elektirikii argataniiru jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.
Hoji raawwachiisaa olaanaan Tajaajilichaa Dooktar Geetuu Garramoo Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu %18.3n caalmaa qabaachuu argisiisa.
Maamiloota haaraa tajaajila kana argachuu eegalan keessaa %95.5 fayyadamtoota tajaajila boodarra kaffalamuu yoo ta’an, kanneen hafan ammoo kan tajaajilaan dura kaffalamu warra fayyadamnii dha.
Walga’iinsa tajaajila elektirikii haqa qabeessa gama waliin ga’uunis magaalonni fi qe’eewwan baadiyyaa 14 fayyadamoo akka ta’an eerameera.
Amanamummaa fi qulqullina dhiyeessii humna elektirikii fooyyessuufis hojiin sararoota raabsaa Kiilomeetirri 957 deebisanii ijaaruu fi sararoota kiilomeetira kuma 2 fi 151 babal’isuu fi Tiraansifoormeroota turan 493 fooyyeessuu akkasumas tiraansifoormeroota 850 haaraa dhaabuu raawwachuus ibsaniiru.
Naamusaa fi hojimaata badaa ittisuuf hojii hojjetameenis tarkaanfileen bulchiinsaa fi naamusaa fudhatamuu dubbataniiru.
Gama Sirna kaffalatii dijiitaalaa cimsuutiin hojii hojjetameenis maamiloonni kaffaltii dijiitaalawaa raawwatan %94.5 irra ga’uu himaniiru.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment