Maanchiister Yuunaayitiid Kiristaal Paalaas injifachuun sadarkaa isaa gara 3ffaatti fooyyeffate

Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiiliiz torbee 28ffaa galgala kana taphatameen Maanchiister Yuunaayitiid Kiristaal Paalaas injifachuun sadarkaa isaa gara 3ffaatti fooyyeffateera.

Yuunaayitiid duubaa ka’uun galchii 2 fi 1’n Kiristaal Paalaas injifateera.

Taphoota biroon Biraayitan galchii 2 fi 1’n Notingahaam Foresti yoo injifata, Fuulhaamis galchii 2 fi 1’n Tootenhaam injifateera.

Taphni darbii Landan daqiiqawaan muraasa booda Arsenaalii fi Cheelsii gidduutti taphatamu ni eegama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment