Finfinnee, Mudde 29, 2018 (FMC) – Pirimeer Liigii Ingilaandi torbee 21ffaan Maanchister Setiin dirree isaa irratti Biraanyitaniin kan itti keessummeessu tapha eegamaa dha.
Taphoota darban lama walitti aansee qabxii kan gate Maanchister Siitiin tapha kana mo’achuun garaagarummaa Arsenaal waliin qabu dhiphisuuf galgala sa’aatii 4:30 irratti Biraayitan waliin morkata.
Maanchister taphattoota ittisaa lama sababa midhamaan hiriirsisuu dhabuun isaa qormaata itti ta’a jedhamaa jira.
Tapha Cheelsii waliin qabxii qooddatee ba’e irratti kan miidhame Ruubiin Diyaaz torban afurii hanga jahaatti dirree irraa akka fagaatu himamaa jira.
Lammiin Kirooshiyaa Givaardiyool ammoo miilli isaa cabaan waan miidhameef hanga xumura waggaa kanaatti hiriiruu hindanada’u.
Oskaar Boob, Joon Istoonsi fi Maatiyoo Koovaachiis ammallee miidhamarraa hin deebine.
Niikoo Goonzaales garuu deebi’ee tapha har’aaf ni hiriira jedhameera.
Siitiin tapha kana yoo mo’ate garaagarummaa Arsenaal waliin qabu gara 3tti hir’isa.
Arsenaal ammoo tapha torbee kanaan boru Liivarpuul waliin taphata.
Kaleessa Liyaam Roosaniyooriin leenjisaa isaa kan godhate Cheelsiin ammoo Fuulihaam waliin taphata.
Taphoota darban shan walitti aansee kan hin mo’amin Fuulhaam Cheelsiif qormaata ta’a jedhama.
Galgala sa’aatii 4:30 irratti Kiraavankootejitti kan taphatu Cheelsiif Mooyisas Kaayseedoon adaabbii irraa deebi’ee ni taphataaf.
Karra eegaan isaa Roobarti Saancheez fi Wiisilii Foofaanaa ammas sababa miidhamaan hin hiriiran.
Sababa tapha Waancaa Afrikaan Saamu’eel Cheekuweezii, Aleeksi Iyyoobii fi Kaalviin Baasiin kan hin hiriirsisne Fuulhaam, sababa miidhamaan Roodargoo Muneeziin hin hiriirsisu.
#Oromia #Ethiopia