Finfinnee, Amajii 16, 2018(FMC) – Sagantaa Piriimiyar Liigii Ingilaandi torbee 23ffaan Maanchister Siitiin Walvisiin 2 fi 0’n injifateera.
Omaar Maarmush fi Antooniyoo Semeeniyoo Maanchister Siitiif galchiiwwan lamaan lakkoofsisaniiru.
Kana hordofees Maanchister Siitiin qabxii isaa gara 46tti olguddifachuun dursaa Liigichaa Arsenaal irraa garaagarummaa qabxii qabu gara 4tti hir’iseera.
#Oromia #Ethiopia