Maanchister Yuunaayitiid injifannoo isaa jalqabaa milkeessuuf

Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC) – Sagantaa Pirimeer Liigii Ingilaandi torbee 2ffaan har’a taphoonni afuri ni taphatamu.

Haaluma kanaan galgala sa’aatii 12:30 irratti Maanchister Yuunaayitiid dirree isaa Ooltraafoordiitti Ippiswiich Taawuun ni keessummeessa.

Torban jalqabaa tapha liigichaan Hall Siitiin kan injifatame Maanchister Yuunaayitiid injifannoo isaa jalqabaa bara dorgommichaa galmeessuuf har’a gara dirree seena.

Maanchisteer Yuunaayitiid waggoota booda gara Pirimeer Liigiitti kan deebi’e Hall Siitiin injifatamuun isaa gahuumsa garichaa gaaffii keessaa galcheera.

Leenjisaa Maayikiil Kaarikiin kan durfame Maanchister Yuunayitiid sochiin taphoota fuulduratti taasisuu ni eegama.

Tapha biroo liigichaan guyyaa Sa’aatii 10:00 irratti Cheelsiin dirree isaa istaamfoord Birijitti Biraayitan ni keessummeessa.

Leenjisaa Zhaabii Aloonsoon kan durfamu Cheelsii tapha jalqabaa liigichaa injifachuun isaa ni yaadatama.

Dorgommii waltajjii Awurooppaan ala kan ta’e Kilabni Lixa Landan Cheelsiin dorgommiin pirimeer liigicha keessatti taasisu ni eegama.

Biraayitanis dorgommii isaa jalqabaa injifachuun kan yaadatamuudha.

Gareen lachuuu injifannoo itti aanu milkeessuuf dirree seenu.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Liidsi Yuunaayitiid Bireentifoordi akkasumas Saandarlaand Fuulhaam waliin ni taphatu.

Taphni liigichaa borus itti fufuun halkan Sa’aatii 4:00 irratti Astoon Viilaan, Viilaa Paarkitti Arseenaal waliin taphni taasisu ni eegama.

Arseenaal injifannoo itti aansuun galmeessuuf Viilaan immoo Injifannootti deebi’uuf morkiin taasisan akkaan eegama.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin.

Comments (0)
Add Comment