Maanguddoo umrii waggaa 65 qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhataa jiran

Finfinnee, Adoolessa 3, 2017 (FMC) – Yuunivarsiitii Arsiitti manguddoon umrii waggaa 65 Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Saayinsii hawaasaa bara kanaa fudhataa jiru.

Kutannoon hojjennaan bakkaa yaadan umriin nama hin daangessu jedhu Manguddoon kun.

Manguddoon maqaan isaanii Aaddee Taarikuwaa Ayyaaleew jedhaman godina Arsii aanaa Asakootti kan dhalatan umrii isaanii 65tti qorumsa biyyaalessaa fudhachaa jiran.

Waan hawwan umriin nama hin daangessu jechuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himan.

Barnoonnis umriin daanga’uu akka hin qabneefi namni hundinuu carraa argateen barnoota irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan.

Aaddee Taarikuwaan yeroo mana barnootaa fi daree barnootaa keessa turanitti hawaasni naannoo isaanii hedduun carraaqqii isaanii kana kan dinqisiifatan akka ta’es dubbatan.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment