Maddoota galii adda baasuun guddina dinagdee eegalame tumsuuf hojjetamaa jira – Waajjiricha

Finfinnee, Sadaasa 23, 2018(FMC) – Kutaa maaalaa kooyyee Facceetti maddoota galii hunda duguuganii ittifayyadamuun imala guddina dinagdee tumsuuf hojjetamaa jira jedhe Waajjirri Galii kutaa Magaalichaa.

Itti gaafatamaan waajjira Galii kutaa Magaalaa kooyyee Faccee obbo Mahaammad Ibiraahiim Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, guddina dinagdee akka biyyaatti karoorfame tumsuuf aka kutaa magaalichaatti galii sassaabamu guddisuuf karoorri hiixataan qabamee hojjetamaa jira.

Karoora qabame kana milkeessuufis madden galiin irrraa argamu hunda adda baasuun galiin akkaaataa maluun akka walitti qabamuuf xiyyeeffannoon kennameeraas dubbatan.

Haaluma kanaan bara bajetaa 2018 kanatti galii birrii biliyoona 1.9 walitti qabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga kurmaana 1ffaa qofatti birriin miliyoonni 800 fi miliyoonni 57 ol akka walitti qabame himaniiru.

Galiin walitti qabame kun kan waggaa irraa % 43’n akka raawwatamee fi kan kurmaanaaf qabame waliin yoo madaalamu ammoo %98 ‘n raawwatamuu eeraniiru

Galiin walitti qabme kun kan bara darbee wajjin yoo madaalamu s %45 oliin kan dabale ta’uu kaasanii, kanaafis malli kaffaltii gibiraa dijiitaala’uu fi sadarkaa fi adeemsi kaffaltoota gibiraa fooyya’uun akka sababaatti ka’eera.

Yeroo ammaa akka kutaa magaalichaatti tajaajila gara tajaajilamaatti dhiyeessuun yeroo tajaajilamaa qusachuufi komii duraan ture hiri’suuf inniisheetiiviin haaraan hojiirra ooluu eegale dabaluu galii gibiraatiif gumaachuus kaasaniiru.

Ta’ullee sadarkaa barbaadamuun akka walitti qabamuuf madden galii hunda adda baasuu, daldaltoonni hundi karaa seera qabeessaan hojjetanii galii gibiraa guddina biyyaaf irraa barbaadamu akka kaffalaniif sadarkaa isaaniin adda baasuun hordoffii fi to’annoon geggeeffamaa akka jirus ibsaniiru.

Qaamni karaa adda addaa galii argatu kamuu gibira irraa eegamu akka kaffaluufis hubannoo uumuuf hojjetaa akka jiranis kaasanii, hojii kana milkeessuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatus qindoominaan akka hojjetan dhaamaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment