Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti ijaarsi pirojektii dhabamsiisa balfa dhangala’aa Birrii biiliyoona 1.9 ijaaramu eegaleera.
Pirojektichi liiqii Baankii Addunyarraa argame Birrii biiliyoona1.9‘n kan ijaaramu ta’uu Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Wayita Ijaarsi isaa xumuramu guyyaatti balfa dhangala’aa liitira kuma 400 hanga kuma 950tti qulqulleessuu kan danda’u ta’uu Injiinar Miiliyoon kaasaniiru.
Akkasumas namoota miiliyoona tokkoof tajaajila kennuu kan danda’uudha jedhan.
Pirojektichi lafa heektaara 22 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, waggoota 20’f tajaajila kan kennudha.
Sagantaa eegalchiisa Ijaarsa Pirojeektii dhabamsiisa balfa dhangala’aa kanarratti Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa, Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa, Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee fi hoggantonni biroon argamaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.