Magaalaa Aggaarootti Giddugalli Tajaajila Iddoo tokkoo Masoob hojii eegale

Finfinnee, Amajjii 29, 2018 (FMC) – Magaalaa Aggaarootti Giddugalli Tajaajila Iddoo tokkoo Masoob tajaajilawwan 129 fooddawwan 12’n tajaajila kennuu eegaleera.

Giddugalichi Seektaroota tajaajilaa 24 fi manneen hojii mootummaa 4 kan hamate ta’uu Kantibaan Magaalaa Aggaaroo obbo Naziif Mahaammadamiin dubbataniiru.

Komishiinarri Komishinii Siviil Sarviisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayileen saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin, tajaajilli iddoo tokkoo kun deddeebii tajaajilamaa waajjiraalee mootummaatti mudachaa ture akkasumas rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu dubbatan.

Kenna tajaajilaa fooyyeessuun itti quufinsa hawaasaa mirkaneesuuf mootummaan paartii badhaadhinaan durfamu xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Waajjira Paartii badhaadhinaa damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Siyaasaa obbo Namarraa Buliin ibsaniiru.

Warqafarraaw Yaalewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment