Finfinnee, Caamsaa 21, 2017 (FMC) – Ijaarsi Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa boqonnaan jalqabaa yeroo ammaa karaa guutuu ta’een eegalameera.
Zooniin Diinagdaa Addaa Gadaa magaalaa Indaastirii, Daldalaa, Teeknooloojii fi Ismaartii Aadaa fi Duudhaa Oromoo bu’uura godhachuun ijaaramaa jiruudha.
Diinagdee biyyaa bu’urarraa jijjiiruu bu’uura godhatee kan hundaa’e Zooniin Diingadee Addaa Gadaa amma bu’uuraalee misoomaa magaalaa tokkoof murteessoo ta’an diriirsuurratti argama.
Magaalaa hundeeffamaan adda ta’e, kan diinagdee bu’uureeffachuun ijaaramaa jiruudha jedhan Hojii gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii Zoonii Misooma Diinagdee Addaa Gadaa obbo Mootummaa Tamasgeen.
Seenaan hundeeffama magaaloota Itiyoophiyaa hedduun qubannaa fi buufata waraanaa bu’uura kan godhataniidha.
Gadaan garuu diinagdee bu’uura godhachuun magaalaa ammayyaa hundeeffamaa jiruudha.
Zoonichi erga ifatti hojii eegalee bu’uuraaleen misoomaa kan akka tajaajila Elektirikaa, Daandii fi Bishaan dabalatee kanneen biroo diriirsaa jira.
Kunis qalbii abbootii qabeenyaa hawwachuuf bu’ura ta’eera.
Yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa hedduun gara zoonichaatti dhufaa jiru kan jedhan obbo Mootummaan, bu’uuraalee misoomaa guutuu dabalataan imaammata hirmaachisaa ta’een deeggaramuu fi tajaajila si’ataa kennuun abbootii qabeenyaa caalmaatti hawwachuuf hojjetamaa jira.
Lafa hektaara kuma 24 kan uwwisu ijaarsa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa waggoota 40 keessatti guutummaatti xumuramuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, boqonnaa afuriin qoodamuun ijaarama.
Marsaa jalqabaan Lafa hektaara kuma 3 ol misoomsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira.
Marsaan jalqabaa kunis waggoota sadan itti aanaan keessatti kan xumuramuudha.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia