Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Magaalaa Asallaatti giddugalli kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo masoob tajaajilaf banaa ta’eera.
Kantiibaan magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggayeen saganticharratti haasawa taasisaniin,Tajaajilli giddugala iddoo tokkoo magaalichatti eegale,seektaraalee 24 bakka tokkotti kan hammate ta’uu fi tajaajiloota 108 kan kennu ta’u ibsan.
Hooggantuun Biiroo Paabilik Sarvisii Oromiyaa Aadde Kokkobee Diidhaan gama isaaniin, rakkoo kenna tajaajila akka biyyaatti jiru hiikuufi uummanni tajaajila mootummaarra argatu akka argatuuf tajaajilichi gahee olaanaa qaba jedhan.
Tajaajilichi dhamaatii hambisuu dabalataan baasiifi qisaasama yeroo xiqqeessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeran aadde Kokkobeen.
Mootummaan uummataaf tajaajila si’ataa, haqa qabeessaafi dhaqqabamaa kennuuf imaammataafi tarsiimoowwan kanaan dura hin baramin bocuun hojii keessa galchaa jira jedhan Ittigaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan.
Imaammanniifi tarsiimoowwan kunis gama diinagdee, hawaasummaafi siyaasaan itti dhiyeenyaan hawaasa tajaajiluun fayyadamummaa hawaasaa roga hundaan guddisuufis jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo kenna tajaajilaa bu’uurarraa furuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuus kaasaniiru.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.