Finfinnee, Caamsaa 25, 2017 (FMC )–Ejensiin Geejjiba Bulchiinsa magaalaa Asallaa rakkoo kenniinsa tajaajila geejjibaa furuuf hojjechaan jira jedhe.
Bulchinsi magaalichaa rakkoo dhiyeessii geejjiba magaalaa keessaa furuuf guyyaa har’aa Awutoobisii geejjibaa deddeebisaa ummataa Eebbisiisuun hojitti galcheera.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggayyee Saganticharratti argamuun haasawaa taasisaniin, rakkoo geejjibaa Taaksiin wal qabatu furuuf hojjetamaa jira jedhan.
Abdallaa Amaantu gabaase.
#Oromia #Ethiopia