Magaalaa Dirre Dhawaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob eegale

Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob banamuun tajaajila kennuu eegaleera.

Tajaajila Dirree giddugala tokkoo keessatti dhabbiileen filataman10 tajaajila kennaa jiraachuun ibsameera.

Sagantaa eegalchiisa giddugalicharratti Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Kadiir Juhaar akka jedhanitti, tajaajilichi eegaluun bulchiinsa magaalichatti tajaajilli lammiileef kennamu dhamaatii hambisuun tajaajila si’ata kennuuf kan dandeessisuudha.

Dhaabbileen tajaajila isaanii teeknooloojiin deeggarameefi saffisaa taasisuu irra darbee dirre Ismaarti dhugoomsuuf kan gargaaruudha jedhan.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalem Mallas gamasaaniin, damee mootummaan xiyyeeffannoo adda kenneef keessaa tokko tajaajiloota mootummaa fooyyeessuun dhamaatii hambisuu ta’uu dubbataniiru.

Hojiirra oolaa kan jiru Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob humna namaa gahaa fi teeknooloojiin deeggaramuun tajaajila kennuuf kan dandessisanidha jedhan.

Tasfaayee Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment