Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC)- Magaalaa Finfinnee dabalatee naannawaa tokko tokkotti humni Elektirikii addaan cituu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa hubachiise.
Tajaajilichatti Hojii raawwachiisaan Kominikeeshinii Anuwaar Abraar Faanaa Diijitaaliif akka himanitti, humni eleektiraa kan addaan cite sababa rakkoo teekinikaa sarara bu’uuraa mudateeni.
Wayita ammaa rakkicha furuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Obbo Anuwaar rakkoo mudateef maamiltoota dhiifama gaafachuun, hanga humni eleektirikaa deebi’uutti obsaan akka eegan waamicha dhiyeessaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.