Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 9 darbeera.
Balichaan daa’ima umurii waggaa sadii dabalatee lubbuun namoota 9 darbuu Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayirektarri Kominikeeshinii Komaandar Maarqoos Taaddasaa Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Awutoobisiin Pabliik Sarviisii Haayile Garmeentii gara Addabaabaayii Yuunisaatti imalaa ture konkolaataa fe’umsaa waliin walitti bu’uun kara irra maqee kallattii faallaan konkolaataa deddeebisaa uummataa Doolfinii jedhamu waliin walitti bu’uun kan uumameedha jedhan.
Balichaan konkolaachisaa konkolaataa Doolfinii dabalatee lubbuun namoota 9 yoo darbuu namoota 8 irra immoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabeera .
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.