Magaalaa Maqaleetti nageenya waareessuu fi dhaabbilee gara hojiitti deebisuuf hojiin bu’aa qabeessi raawwatame – Dooktar Shiishaay Amaaree

Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) –Magaalaa Maqaleetti guyyoota 30 darban keessa nageenya waareessuu fi dhaabbilee gara hojiitti deebisuuf hojiin bu’aa qabeessi raawwatame jedhan Kantiibaan Magaalichaa Dooktar Shiishaay Amaareen.

Dhaabbilee gara hojii idileetti deebisuuf, nageenya waaressuuf, sosochii daldala idileessuuf hojiilee gaariin hojjetamuu dubbatan Bulchiinsa Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraayitti Kantiibaan Magaalaa Maqalee Dooktar Shiishaay Amaareen.

Kanaanis dhaabbileen tajaajila mootummaa hojii eegaluu, hojjettoota mootummaaf mindaan kaffalamuun tajaajilli mootummaa bifa idileen jalqabuu dubbatan.

Haa ta’uutii hojjettoonni sa’aatii hojii mootummaa kabajanii gara hojii seenurratti hanqinni muraasni jiraachuu kaasan.

Dameen daldalaa kallattii kaa’ame bu’uura taasisuun hojii idilee eegaluu himan.

Dameen Nageenyaa yakkoota ittisuun nageenya magaalichaa waaressuuf, dargaggoota fi ummata hirmaachisuun hojiin qindoomina qabu hojjetamaa jiraachuu eeran.

Waajjiraaleen hundi sirna hojii qindaa’aa hordofuun, ummata gahumsaa fi kutannoon akka tajaajilan Dooktar Shiishaay hubachiisaniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment