Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Magaalaa Naqamteetti qonna magaalaan namoota kuma 2 fi 300 oliif carraan hojii uumameera jedhe Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalichaa.
Bulchiinsa magaalichaatti bara kana namoota kuma 20 fi 800 dameewwan garaagaraan carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa turuu Itti aanaa I/G Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalichaa obbo Misgaanaa Mul’ataan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Hanga ammaattis namoota kuma 20 fi 782’f carraan hojii uumamuu kaasan.
Magaalichatti dameewwan qonna magaalaa, indaastiriifi tajaajilaan carraa hojii uumuuf hojjetamaa akka ture yaadachiisaniiru.
Namoota carraan hojii uumame kanneeniif deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa jiraachuu kan dubbatan obbo Misgaanaan, deeggarsi leenjii, bakka gurgurtaa oomishaafi liqaa taasifameera jedhan.
Hanga ammaattis deeggarsi liqii Birrii miiliyoona 71 ol taasifamuu himaniiru.
Rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa furuufis waldaaleefi waldaalee gidduutti, waldaaleefi dhaabbilee gidduutti walitti hidhamiinsi akka uumamuuf deeggarsi taasifamaa jiraachuu kaasan.
Gama biraan sheediiwwan 100 ol sababa misooma kooriidariin kaafamuu yaadachiisuun, sheediiwwan kanneen akkaataa kallattii mootummaafi bulchiinsi magaalaa kaa’uun bakka ni buufamu jedhan.
Bulchiinsi magaalaas haala namoonni bakka hojii isaanii dhaban itti deeggaramuu danda’an irratti mari’achaa jiraachuu ibsan.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.