Magaalaa seeraa fi sirnaan jabduu taate ijaaruuf hojiin hojjetame bu’aa fideera – Kantibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Magaalaa seeraa fi sirnaan jabduu taate ijaaruuf hojiin hojjetame bu’aa fideera jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Magaalaa Finfinneetti qondaaltoonni kabachiisa dambii kumni 2 ol marsaa 6ffaaf har’a eebbifamaniiru.

Saganticharratti kan argaman Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, magaalaa jiraattoota isheef mijattuu fi hawwattuu taate, akkasumas misooma hundagaleessa guuttatte, hojiileen kabachiisa dambii seeraa fi sirnaan akka durfaman hojjetamaa tureera jedhan.

Kanaanis hojiileen kamiiyyuu seeraa fi sirnaan akka durfamanii taasisuun danda’ameera jedhan.

Eebbifamantoonnis beekumsaa fi ogummaa argataniin tajaajila si’aataa fi haqa qabeessa hawaasaaf akka kennan hubachiisaniiru.

Masaafinti Birilleetu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment