Finfinnee, Caamsaa 8, 2017(FMC) – Godina walaayittaa Bulchiinsa Magaalaa Sooddootti ganama har’aa balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota 4 yoo darbu, miidhaan qaamaa fi qabeenyaas qaqqabuun ibsameera.
Magaalaa Hawaasaa irraa gara Sooddoo deemaa kan ture konkolaataan deddeebisa uummataa xiqqaan “Doolfiinii” jedhamuun waamamu Konkolaataa fe’umsaa guddaa waliin walitti bu’uun namoonni afur lubbuun darbuu poolisii Magaalaa Sooddootti Ittigaafatamaan Bulchiinsa Damee To’annoo fi Ittisa Balaa Tiraafikaa Saajiin Olaanaa Zinaabuu Gazzaahenyi Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti himaniiru.
Namoonni miidhaan qaamaa irra ga’e gara dhaabbilee Fayyaa dhiyootti geeffamuun wal’aansa akka argataa jiraachuu fi baay’inni namoota miidhaan qaamaa irra ga’ee fi miidhaan qabeenya irra ga’e adda baafamaa kan jiru ta’uus ibsaniiru.
Maastawaal Asaffaatu gabaase.