Magaalaan Arbaaminci uumama isheen miidhagduudha- Dooktar Abiy Ahimd

Finfinnee, Hagayya 10, 2017( FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimd Magaalaan Arbaaminci uumama isheen miidhagduudha jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimd ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, yeroo dhiyootti wayita hojiilee misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran daawwannetti “piroojektii Ijaarsa Dhalootaaf” daawwanneerra jedhan.

Pirojektiin kun magaalittiin yaa’iiwwan gurguddoo akka keessummeessitu Kan ishee dandeessisu ta’uus ibsaniiru.

Misoomni qarqara laga Kulfoo haala kanaan duraarra bal’inaan hojjetames magaalattiif miidhagina dabalataa uumuus eeran.

Gara bosona Arbaamincitti Kan seensisan daandiiwwan haaraan hojjetamuus kaasanii, gaarreewwan, lagaafi bosona naannawichaaf ulaa gahumsaa ta’aniiru jedhan.

Fooyya’iinsa Magaalaa Finfinneen ala magaalota hedduu keessatti mul’atan filannoowwan garaagaraa qabaachuu keenya Kan argisiisan,dandeettiiwwan keenya osoo itti hin fayyadamiin hafne Kan mul’isanidha jechuun ibsaniiru.

Guddinni kun tattaaffii keenya waloon wantoota gurguddoo milkeessuu akka dandeenyu agarsiisus jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment