Magaalaan Harar Fooramii Diinagdee Addunyaa irratti beekamtii argatte

Finfinnee, Onkoloolessa 13, 2018 (FMC) – Harar magaalaa xuraawaa pilaastikaa irraa bilisoomsuuf inisheetiivii egalameen fooramii dinagdee addunyaa irratti beekamtii argatteetti jedhan pirezidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii.

Beekamtiin kun magaalattin “Kiyuubik Itiyoophiyaa“ waliin ta’uun magaalatti pilaastikii irraa bilisoomsuuf hojii hojjatame madaaluun kan kenname ta’uu dubbataniiru.

Iniisheetiiviin kun dabalataan dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uumuu ilaalcha keessa galchuun Saanfiraansiiskoo Ameerikaatti fooramii geggeeffame irratti beekamtiin kun kenname jedhan.

Qaamoleen milkaa’ina kanaaf ga’e taphatan galateeffachuun yeroo itti aanus hojiin kun jabaatee akka itti fufu ibsuu isaanii Hogganaan Biiroo kominikeeshinii naannichaa Heenok Mulunah Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment