Magaalattiitti hogganaa itti aanaa Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa dabalatee namoonni 11 to’atamuun mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Guraandhala 1, 2018(FMC) – Hogganaa itti aanaa duraanii Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa magaalaa Finfinnee dabalatee hoggantoonni fi hojjattoonni 11 poolisiin to’atamuun Mana Murtiitti dhiyaatan.

Isaanis:

1. Obbo Molliittoo Abbaayinah Erqaalloo:- Hogganaa itti aanaa duraanii Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa magaalaa Finfinnee

2. Inj. Charinnat Abbabaa Ya’adatee:- hogganaa duraanii waajjira Misoomaa fi Bulchiinsa Lafaa kutaa magaalaa Boolee

3. Solomoon Balaay Makonnin:- ogeessa murteessaa dhimmoota tekinikaa Biirichaa

4. Adimaasuu Adaanee Wandimmuu:- ogeessa Komii fi iyyaannaa Biirichaa

5. Gizaachoo Mulugeetaa Dassee:- Dursaa Garee Sirreeffama qabiyyee Biirichaa

6. Darajjee Goshuu Haayilee:- Hojiraawwachiisaa olaanaa duraanii Aanaa 13 kutaa Magaalaa Boolee

7. Alamtsahaay Lammaa K/Maariyaam:- Ogeessa Qulqulleessituu Sanadaa Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa aanaa 13, kutaa magaalaa Boolee

8. Girmaa Tafarraa Ayyaanaa:-Daarikteera Hordoffii dhimmoota teknikaa fi seeraa Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Lafaa Magaalaa Finfinnee

9. Amaanu’eel Alamaayyoo Maammoo:- Ogeessa Tekinikaa aanaa 13 Kutaa Magaalaa Boolee

10. Biiniyaam Haayiluu Gabiree:- Ogeessa Tekinikaa aanaa 13 kutaa magaalaa Boolee

11. Abiyoot Jufaaree Baayisaa:- Daarikteera dhimmoota yakkaa Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa magaalaa Finfinnee kan turan

to’annoo jala oolfamuun manamurtiitti dhiyaatanii qorannoo dabalataaf beellamni yeroo gaafatamee qorannoon isaanii itti fufeera.

Amoonni kunniin bu’aaf jecha mootummaa fi uummataan itti kenname seeraan ala fayyadamuun shakkaman.

Haalumaa kanaan bara 2016 aanaa 13 Kutaa Magaalaa Boolee bakka addaa naannoo Daandii Xyyaaraatti qabiyyee lafa uummataa fi mootummaa pilaanii yeroo 9ffaan Paarkii Adwaan qabamee kan ture fi pilaanii yeroo 10ffaan pirojeektii bakka magariisaa ‘Window of Afrika’ sadarkaa magaalaatti bakka aara galfii tajaajila uummataaf qabamee fi qabiyyee baankii lafaa keessa jiru sababa seera qabeessaan ala qabiyyee sanada hinqabne jechuun waldaa shariikaa Gamtaa Raabsaa Simmintoo Yoordaanos, Zawudituu fi Hiriyyoota isaanii jedhamuuf lafa kaaremeetira kuma 2fi 905 gatii liiziin miidhaa birrii Miliyoona 100 fi Miliyoona 68 fi kuma 700 fi kuma 24 fi 405tti tilmaamamu geessisuun hanga aanaa, Kutaa Magaalaa fi Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaatti bu’aan walitti hidhamanii aangoo seeraan ala fayyadamuun yakka malaammaltummaa cimaan shakkamaniiru.

Kaanaanis to’annoo poolisii jala oolanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddacha ramaddii Lidataatti dhiyaachuun yeroon beellama dabalataa itti gaafatamee qorannoon itti fufeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment