Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti piroojektiiwwan manneen waliin jireenyaa fi daandii aspaaltii Birrii biiliyoona 3 oliin hojjetamaa turan marsaa 2ffaaf eebbifamuun tajaajila hawaasaaf banaa ta’aniiru.
Akka magaalichaatti bu’uuraalee misoomaa hedduu hojjechuun rakkoowwan jiraattotaaf furmaata kennuu dandeenyee jirra jedhan Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeen
Piroojektoonni magaalichaatti guyyaa har’aa hawaasaaf banaa ta’anis, mana waliin jireenyaa Andoodee Birrii biiliyoona 2.9n ijaarameefi daandii aspaaltii kiloomeetira 2.9 Birrii Miiliyoona 600 oliin hojjetame ta’uus himaniiru.
Manneen waliin jireenyaa kunneen lafa heektaara 5 irratti kan ijaarame yoo ta’u, walii galatti abbaa warraa 810 jiraachisuu akka danda’u eeran.
Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessan kilaastaraa magaalaa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuun gama isaaniin, Piroojektiin hojjetamu rakkoofi gaaffii hawaasaa haalan kan hiikuudha jedhan.
Akka naannoo Oromiyaatti magaalota miidhagduu wiirtuu teeknoloojii ta’an ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Faxxanaa Zawudee gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.