Magaalichatti ayyaana qillee sababeeffachuun horiin qalmaa kumni 500 fi kumni 74 gabaaf dhiyaachaa jiru

Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Qillee sababeeffachuun dhiyeessiin gahaan akka jiraatu qophii gahaan taasifame jedhe Biiroon Daldalaa magaalichaa.

Dhiyeessii fi Meeshaaleen ayyaanichaaf barbaachisan haalan dhiyeessuuf koreen Itti Aanaa Kantibaan durfamu hundaa’ee bifa addaan hojjetaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj dubbataniiru.

Haaluma kanaan ayyaanichaaf horiin qalmaa kumni 500 fi kumni 74 gabaaf dhiyaachaa jiraachuu himan.

Fedhii hawaasaa guutuuf dhiyeessirratti qindoominaan hojjetamaa jira kan jedhan Aadde Habiibaan, Loon qalmaa kumni 200 fi kumni 79, Re’ee fi Hoolaan kumni 200 fi kumni 94 giddugalaawwan gabaan karra shaniin dhiyaachaa jiraachuu eeran.

Lukkuuwwan kumni 600 fi kumni 33 ol akkasuma, Killeen miiliyoonni 15 gabaa sanbataan dhiyaachuu dubbatan.

Oomishaaleen midhaanii kuntaalli kumni 9 fi 294 fi Kuduraa fi mudaraan kuntaalli kumni 400 fi kumni 16 ol hawaasaaf dhiyaachaa jiraachuu kaasan.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment