Finfinnee, Adoolessa 2, 2017(FMC)- Biiroon Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bara baajataa 2017’tti galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 49 walitti qabe.
Daayrektarri Kominikeeshinii Biirichaa obbo Sawunnet Ayyalaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, bara baajatichaatti filmaatawwan galii haalaan fayyadamuurratti bu’aa gaariin galmaa’eera.
Bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 45 sassaabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 49 sassaabamuu obbo Sawunnet ibsaniiru.
Galiin sassaabames taaksii idilee, taaksii idileen alaa, tajaajila mana qopheessaafi kanneen biroorraa ta’uu eeran.
Yeroo itti aanutti sadarkaa diinagdee magaalichaa maddisiisuu haala danda’uun galii walitti qabuuf hojimaatileefi teeknooloojii garaagaraa hojiirra oolchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.
Hojimaatilee haaraa 24 komiiwwan adeemsa sassaabbii galiirratti ka’an furan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamus hubachiisaniiru.
Salamoon Yittaayyawutu gabaaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.