Magaalichatti galii Birrii biiliyoonni 200 fi biiliyoonni 33 sassaabame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara baajataa 2017’tti galii Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 33 sassaabe.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen akka jedhanitti, bara baajatichaatti galii Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 41 fi miiliyoona 400 sassaabuuf karoorfamee karooricha % 96.5 milkeessuun danda’ameera.

Galiin bara kana sassaabames kan bara darbeerra caalmaa Birrii biiliyoona 83 fi miiliyoona 300 fi guddina %45 kan qabudha.

Akkaataa karoorichaan galiin Birrii biiliyoonni 8 osoo hin sassaabamiin hafe deeggarsaafi liqaan ni argama jedhamee baajata dabalataan kan labsame ta’uu yaadachiisaniiru.

Jijjiiramniifi guddinni dandeettii ofiin yoo ta’u bu’uurri isaa bal’aa, utubaan isaas cimaa ta’a kan jedhan Kantiibaa Adaanech, jiraattota magaalichaa, kaffaltoota gibiraa, hojjettootaafi hoggantoota Biiroo Galiiwwaniifi qaamolee qooda fudhattootaa galateeffataniiru.

Rakkoolee sirreessaa, dandeettii ofiin, tumsaan, amantaa cimaafi  aadaa hojii  gaariin guddinni magaalaa keenyaa itti fufa jechuun mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment