Magaalichatti hanga Kurmaana 3ffaatti galiin Birrii biiliyoona 17ol walitti qabamuun ibsame

Finfinnee, Ebla 9, 2017 (FMC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti hanga kurmaana 3ffaa bara 2017tti galiin Birrii  biiliyoona 17 fi miiliyoona 800 walitti qabamuun ibsame.

Gabaasni raawwii hojii Kilaastara dinagdee kurmaana 3ffaa Magaalichaa dhiyaateera.

Galmoonni magaalaa Shaggar hawaasni dinagdeen ijaaramuun fayyadamummaan isaa akka mirkanaa’u gochuun cabiinsa dinagdee furuuf kan xiyyeeffatedha jedhame.

Gabaasa dhiyaateenis akka magaalichaatti Birrii biiliyoona 17 fi miiliyoona 800 ol sassaabuun danda’amuun ibsameera.

Inisheetiiviwwan mootummaan diriirse magaalichatti hojiirra oolchuu irratti hojii hojjetameen lammiilee kumaan lakkaa’amaniif carraan hojii kan uumame ta’uu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment