Magaalichatti Mandarri indaastirii Birrii biiliyoona 7 ijaaramaa jiru yeroo dhiyootti tajaajilaaf ni banama-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti mandara indaastirii Birrii biiliyoona 7 ijaaramaa jiru yeroo dhiyootti tajaajilaaf qaqqabsiisuuf hojjetamaa jira jedhan kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa mandara indaastirii Birrii biiliyoona 7 magaalichatti ijaaramaa jiru daawwataniiru.

Gaaffii jiraattotaa kan deebisnu furmaatawwan qabatamaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuuni jedhan.

Mandarri indaastirii kun lafa heektaara 93 irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, boqonnaan jalqabaa sheediiwwan 120 ol  qaba.

Sheediiwwan kunneenis tajaajila hojii sibiilaa, bu’aalee hojiilee mukaa, uffannaa, pilaastikaa fi oomisha keemikaalaa, agarsiisaafi gurgurtaa oomishaaf kan oolanidha.

Ijaarsi mandarichaa rakkoo bakka hojii salphisuurra darbee oomishaalee maanufaakchariingii biyya keessaan bakka buusuun rakkoo sharafa alaa furuuf ni dandeessisa jedhan.

Dabalataanis carraa hojii bal’aa uumuufi ce’umsa diinagdee saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, ijaarsi boqonnaa 2ffaa sheediiwwan oomishaalee Agroo-proosesiingiif oolan qabaachuu ibsaniiru.

Mandarri indaastirii kun sheediiwwan Kanaan dura turerra haala adda ta’een teeknooloojii ammayyaafi galteewwan elektiroo mekaanikaalaa akka fayyadamutti ijaaramaa jiraachuu Waajjirri Kantiibaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment