Magaalichatti manneen jireenyaa kumni 55 ol ijaaramuun dabarfamaniiru- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2017’tti manneen jireenyaa kumni 55 fi 729 ijaaramuun dabarfamaniiru jedhan Kantiibaan Magaalichaa Adaanech Abeebeen.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii 4ffaa gaggeessuu eegaleera.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gabaasa raawwii karoora bara 2017 bulchiinsa magaalichaa wayita dhiyeessan akka jedhanitti, hojiileen namarratti xiyyeeffataniifi jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru.

Fedhii mana jireenyaa guutuuf tattaaffiin garaagaraa taasifamaa jiraachuu kaasanii, hojiin ijaarsa manneenii namoota dhuunfaa, misoomsitoota Riil Isteetii, hirmaannaa hawaasaafi mootummaan  hojjetamuu yaadachiisan.

Haaluma Kanaan misoomsitoota dhuunfaan manneen kumni 11 fi 260, misoomsitoota Riil Isteetiin manneen kumni 30 fi 507, hirmaannaa hawaasaan manneen kumni 8 fi 786 haaromfamuufi kaafamtoota misoomaaf manneen kumni 5 fi 176  mootummaan ijaaramuu eeran.

Manneen mootummaa 453 fi manneen waliin jireenyaa 212 seeraan ala qabamanii turan gadi lakkisiisuun kutaalee hawaasaaf dabarfamuus ibsaniiru.

Damee misooma daandiin hojiileen ijaarsaafi haaromsa daandii uwwisa daandii guddisan, yaa’iinsa tiraafikaa ariifachiisan, nageenya daandii mirkaneessan, invastimantiif haala mijataa uumaniifi qisaasama yeroofi baasii hir’isan hojjetamuu kaasaniiru.

Haaluma Kanaan daandiin aspaaltii kiiloomeetirri 371, daandiin koobilii kiloomeetirri 95.2, daandiin cirrachaa kiiloomeetirri 16.1fi daandiin imaltoota lafoo kiiloomeetirri 107 ijaaramuu hubachiisan.

Dallaan ittisaafi bo’oon lolaa  kiiloomeetirri 3.7 hojjetamuufi daandiin kiiloomeetirri kuma 1fi 180 suphamuun tajaajilaaf banamuus yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment