Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC)- Magaalaa Finfinneetti Ayyaana bara haaraaf oomishaaleen barbaachisan haala gahaa ta’een dhiyaataniiru jedhe Biiroon Daldalaa Magaalichaa.
Hoggantuun Biirichaa Aadde Habiibaa Siraaj ibsa kennaniin, jiraattonni magaalichaa oomishaalee ayyaanaaf barbaachisan haala tasgabbii qabuun akka bitataniif dhiyeessii gahaan jiraachuu ibsaniiru.
Magaalichatti giddugaloota gabaa mootummaa sagal, gabaa sanbataa 219 fi baazaariiwwan 20 qopheessuun oomishaalee gahaa dhiyeessuu dubbataniiru.
Oomishaaleen midhaanii kuntaalli kumni 59 ol, horiin gaanfaa kumni 100 fi kumni 24 ol, hoolonnii fi re’oonni kumni 200 fi kumni 89 ol fi lukkuuwwan kumni 600 fi kumni 98 ol dhiyaachuus eeraniiru.
Ayyaanicha sababeeffachuun daldaltoota seeraan ala oomisha kuusan, oomishaalee irratti wantoota hin barbaachifne dabalan akkasumas sosochii daldala seeraan alaa ittisuuf to’annoofi hordoffiin kan taasifamu ta’uu hubachiisaniiru.
Qiddist Tasfaayeetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.