Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob hojimaata teeknooloojiin deeggarame diriirsuun kenniinsa tajaajilaa fooyyessaa jira jedhan Kantiibaan Magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob Addis damee Lidataa guyyaa har’aa hojii eegalchiisaniiru.
Mootummaan komiiwwan kenniinsa tajaajilaa irratti ka’aa turan deebisuuf hojiilee jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’an hojjechaa akka jiru aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.
Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojimaata diijitaalaayizeeshinii babal’isuun itti quufiinsa hawaasaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
hanga xumura baatii Eeblaatti Kutaalee Magaalaa hundtti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob eegalchiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob kennamuu erga eegalee lammiileen kumni 100 fi kumni 20 tajaajilicha argachuu eeraniiru.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob guyyaa har’aa hojii eegales dhaabbilee 20 fi tajaajiloota 112 kan hammate ta’uun ibsameera.
Qiddist Abaataatu gabase.
#Oromia #Ethiopia