Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 gamaaggamuu eegale.
Bara hojii 2017 keessa karoora keenya % 95 raawwanneera jedhan kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen waltajjirratti argamuun haasawa taasisaniin.
Piroojektoonni kumni 15 fi 900 xumuramuu kaasuun, hojiileen misooma Koriidarii hojjetamaan maqaa gaarii magaalichaa caalmaatti ijaaruu dubbatan.
Hanqinaalee damee Indaastiriin turan hiikuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun oomishaalee alaa galaa turan hedduu biyya keessatti oomishuun danda’ameera jedhan.
Bara baajataa xumurame keessa galiin fooyyee qabu walitti qabamuu ibsaniiru.
Qiddisti Abaatatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.