Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Magaaloonni Oromiyaa jireenyaaf mijataa akka ta’aniif hojiilee damee hedduun eegalaman cimanii itti fufu jedhe Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa.
Mootummaan Naannoo oromiyaa inisheetiivii magaaloota misoomsuu danda’an heddu bocuun hojirraa oolchaa jiraachuu Hogganaan Biirichaa obbo Mahaammad Guuyyeen Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Magaaloonni Oromiyaa wiirtuu oomishtummaa akka ta’aniif inisheetivoonni garaagaraa hojirraa oolanii hojjetamaa jiru jedhan.
Keessattuu hojiilee qonna magaalaa, magariisummaa fi misooma koriidariin hojiileen heddu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Magaalota ummaticha madaalan ijaaruuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uus kaasaniiru.
Magaalonni akka humna isaanitti akka misooman taasifamuus ibsaniiru.
Wayita ammaa magaaloota olaanoo naannoo Oromiyaa 34 keessatti misoomni koriidarii hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Misoomni koriidarii bakka hundatti walfakkaataa ta’uu baatuus sadarkaa gaarirra jiraachuu himan.
Magaalonmi akkaataa poteenshaala isaanii misooma koriidarii hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Gama biraatiin fooramii Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaa Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffamaa jirurratti naannoon oromiyaa hojiilee damee qonna magaalaa, tajaajiloota diijitaalessuu, misooma koriidarii, Magaariisummaa, pilaanii magaalaa fi kanneen biroon muuxannoo isaanii kan qoodan ta’uu Obbo Mahaammad kan himan.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.